Dhabata Gachana Charity Association Sirna Eebba (School Management System) Mana Barumsaa Jadida / Meahadalnur Eebbisiise
Dhabata Gachana Charity Association sirna eebba guddaa (School Management System) mana barumsaa Jadida / Meahadalnur qophesse irratti. dhabbanni haala kabajaa fi miidhagaa ta'een saganticha gaggeesseera. Sirni bulchiinsa mana barumsaa kun hojii mana barumsaa ammayyeessuu, bulchiinsa barnootaa fooyyessuu fi tajaajila barattootaa caalaatti saffisaa fi bu'a qabeessa taasisuuf kan qophaa'edha.
Saganticha irratti keessummoonni kabajaa, abbootiin amantaa gurguddoon magaalaa Dire Dawa, hoggantoonni mootummaa sadarkaa olaanaa, hogganoonni bakka bu'oonni manneen barnoota magaalaa keessaa, barattoonni fi maatiin barattootaa argamuun hirmaataniiru. Hirmaannaan qaamolee garaagaraa kun xiyyeeffannoo sirna barnootaa ammayyeessuu fi guddina manneen barnootaatiif kennamu kan mul'ise ture.
Sagantaan kun qophii irraa eegalee hanga xumura isaatti Dhabata Gachana Charity Association'n qindaa'ee, hojii tola ooltummaa fi tajaajila hawaasaaf taasiseen milkaa'inaan gaggeeffameera. Dhumarrattis, dhaabbatichi hojii tola ooltummaa, tajaajila hawaasaa fi deeggarsa mana barumsaa irratti taasisaa tureef waraqaa beekamtii fi galateeffannaa addaa argateera.
Abboottin Amantaa fi hoggantoonni Olaanoon marti ergaa jajjabinaa gachanaaf dabarsuun waan dandahaniin isaanis dhabata akanati umataaf hojjatu cinaa akka hiriiran waltajirrattis ibsaniiru
No comments yet. Be the first to comment!