Dire Dawa, Ethiopia info@gachanacharity.com
Follow us:
barattoota ganna baratan keessaa muraasa

heartBarattoota 200 Milkaa’inaan Barnoota Xumuraniif Sagantaa Eebbaa fi Badhaasaa Gaggeeffameheart

enlightenedBarattoonni Dhabata Gachana Charity Association fi Walif Association tumsa taasisuun ganna guutuu barsiisaa turan, barnoota isaanii milkaa’inaan xumuruun guyyaa arraa eebbaf dhihaatani jiru. Milkaa’ina isaanii kana sababeeffachuun Dire Dawa, Lagahare, Ganda Lencaatti sirni eebbaa fi badhaasaa haala ho’aa fi kabajaan gaggeeffameera.

enlightenedSaganticha irratti barattoonni kunneen qophii adda addaa qopheessuun ummataaf dhiyeessaniiru. Qophiin isaan dhiyeessan dandeettii, barumsa ganna fudhatanii, ofitti amanamummaa fi bu’aa barnoota isaanii keessatti argatan kan mul’ise ture. Kunis hirmaattota sagantichaa biratti gammachuu fi dinqisiifannaa guddaa uumeejira.

enlightenedMilkaa’inni barattoota kanaa bu’aa carraaqqii, kutannoo fi tumsa hawaasaati. Dhabata Gachana Charity Association fi Walif Association dhaloota beekumsa qabu ijaaruuf hojii gaarii jalqabdan kanaaf galanni guddaan isiniif haa ta’u. Barnoota daa’immanii deeggaruun egeree ifaa ijaaruu dha!

 

ACFDO Excutive Director

Gachana Charity Association is dedicated to empowering communities in Dire Dawa through education, healthcare, skills training, women's empowerment, and children's welfare.

0 Comments

    No comments yet. Be the first to comment!

Leave a comment