Dire Dawa, Ethiopia info@gachanacharity.com
Follow us:
Ergaa Abbaa Amantaa Eebba Barattota Irratti

Ergaa Abbaa Amantaa Eebba Barattota Irratti (Sheekhaa)

Sheekni saganticha irratti ergaa dabarsaniin, barnoonni beekumsa qofa osoo hin taane naamusa gaarii, safuu fi itti gaafatamummaa horachuufis murteessaa ta’uu ibsaniiru. Daa’imman barsiisuu fi karaa gaarii irratti qajeelchuun hojii gatii guddaa qabu ta’uu dubbataniiru.

Akkasumas, Dhabata Gachana Charity Association fi Walif Association tumsa taasisuun barnoota daa’immanii deeggaruuf taasisaa jiran hojii tola ooltummaa fi hojii hawaasaaf bu'aa qabu ta’uu ibsuun, carraaqqii isaanii kana akka itti fufan jajjabeessaniiru.

Dhuma irratti, maatiin, hawaasni fi qaamoleen garaagaraa daa’imman barnoota isaanii akka itti fufan deeggaruu fi kunuunsuu akka qaban dhaamsa dabarsaniiru. “Daa’imman keenyaaf beekumsa, naamusaa fi abdii kennuun itti gaafatamummaa keenya hundaati” jechuun ergaa isaanii xumuraniiru.

ACFDO Excutive Director

Gachana Charity Association is dedicated to empowering communities in Dire Dawa through education, healthcare, skills training, women's empowerment, and children's welfare.

0 Comments

    No comments yet. Be the first to comment!

Leave a comment