Dire Dawa, Ethiopia info@gachanacharity.com
Follow us:
eebba barattoota ganna baratanii

Dhabata Gachana Charity Association fi Walif Association Waliin Ta’uun Barattoota Nama 200 Ta’an Barsiisuun Sagantaa Eebbaa fi Badhaasaa Gaggeessan

Dire Dawa, Lagahare, Ganda Lenca – Dhabata Gachana Charity Association fi Walif Association tumsa taasisuun barattoota kutaa 4ffaa hanga 8ffaatti baratan NAMA 200 Ganna guutuu barsiisaa turan, sagantaa eebbaa, badhaasaa fi beekamtii kennuu haala ho'aa fi kabajaa qabuun gaggeessine.

Sagantaan kun bakka Dire Dawa, Lagahare, Ganda Lenca jedhamutti kan gaggeeffame yoo ta’u, hoggantoonni mootummaa, abbootiin amantaa, maanguddoonni, maatiin barattootaa fi hawaasni naannoo kumaaan kan lakkaa’aman irratti argamuun kabaja sagantichaa irratti hirmaataniiru.

Sagantaa kana irratti hoggantoonni armaan gadii argamaniiru:

  • Obbo Khalid – Itti Gaafatamaa Waliigalaa Sport Commission kan magala dirre dhawa

  • Obbo Abdi Abdalla – Itti Gaafatamaa Waliigalaa Kilaastara Asallisoo

  • Obbo Abdulaziz – Itti Gaafatamaa Waajjira Ganda 08.

  • Obbo Yusuf Musa– Itti Gaafatamaa abbaa gandaa kan ganda leencaa

Barnoota Dhaloota Lafaa ol Adeemanii fi Guddina Egeree

Sagantaan barnootaa kun dhaloonni barnoota isaanii keessatti akka ciman, beekumsa isaanii akka guddisan, akkasumas dandeettii fi abdii egeree isaanii akka ijaarratan gargaaruuf kan qophaa’e ture.

Barattoonni nama 200 ta’an yeroo ganna guutuu barnoota argachaa turan xumuruun isaanii sababaa gammachuu fi boonsaa ta’eera. Kanaafis, guyyaa eebbaa irratti carraaqqii fi bu’aa barnoota isaanii irratti hundaa’uun sagantaan badhaasaa fi jajjabeessaa gaggeeffameejira.

Akkasumas, sagantaa kabajaa kana keessatti Dhaabbatni Ibsaa  Daminaa afeerramuun dhaabbata lamaan saganticha qophessan irratti xiyyeeffachuun kaba isaaniifi gahee isaan dhalootarratti bahatan dinqisiifannaa guddaan isaan jajjabessuu fi dhaloota beebbifaman fi hawaasa saganticharratti hirmaataniif dhaamsa dhama qabu kabajamoon obbo ibsaa damiinaa dabarsaniiti jiran,  

Sirni kun hoggantoota mootummaa, abbootii amantaa, maanguddoota, maatii fi hawaasa bal’aa walitti fiduun tumsi hawaasaa barnoota daa’immanii keessatti qabu hammam barbaachisaa akka ta’e mul’iseera.

Miidiyaaleen mootummaa sagantaa kana irratti argamuun gabaasa taasisaniiru.

Ergaa Galataa

Dhabata Gachana Charity Association fi Walif Association barnoota dhaloota oomishuu deeggaruun dhaloota boruu ijaaruuf taasisaa jiran hojii isaanii itti fufsiisuuf tumsa hawaasaa fi qaamolee garaagaraa cimsuun barbaachisaa tauus hawaasni fi dhaabbatichis hoggantoonnis ammotin gadaa fi amantiis irratti waliif galuun dhaabbata lamaan jajjabesaniiti jiran

Sagantaan eebbaa fi badhaasaa kun milkaa’ina barattoota nama 200 qofa osoo hin taane, abdii, carraa barnootaa fi gara fuulduraatti dhaloota beekumsa qabu ijaaruuf taasifamu kan agarsiisu ture.

Ddhaloota Barnoota irratti deeggaruun egeree hawaasaa ijaaruu dha!

ACFDO Excutive Director

Gachana Charity Association is dedicated to empowering communities in Dire Dawa through education, healthcare, skills training, women's empowerment, and children's welfare.

0 Comments

    No comments yet. Be the first to comment!

Leave a comment