Dire Dawa, Ethiopia info@gachanacharity.com
Follow us:
Dhaamsa Itti gafatama bulchinsa dargaggoota obbo Khalid

Ergaa Hogganaa Bulchiinsa Dargaggootaa fi Ispoortii

Hogganaan Bulchiinsa Dargaggootaa fi Ispoortii saganticha irratti haasaa taasisaniin, barnoonni dhaloota egeree ijaaruuf murteessaa ta’uu ibsuun, dargaggootaa fi daa’imman irratti invastimantii gochuun bu’uura guddina hawaasaa ta’uu dubbataniiru. Keessumaa carraa barnootaa daa’imman 200f uumameef gammachuu isaanii ibsaniiru.

Dabalataanis, Dhabata Gachana Charity Association fi Walif Association tumsa taasisuun barnoota daa’immanii deeggaruuf taasisaa jiran hojii dinqisiisaa fi fakkeenya ta’uu ibsuun, dhaabbileen lamaan carraaqqii isaanii kana akka itti fufan jajjabeessaniiru. Akkasumas, qaamoleen mootummaa, hawaasni fi maatiin barattootaa hojii akkanaa keessatti tumsa isaanii cimsuu akka qaban dhaamaniiru.

Dhuma irratti, barattoonni milkaa’ina kanaan argatan akka boonan, barnoota isaanii itti fufuun dandeettii isaanii akka guddifatan dhaamsa dabarsaniiru. “Dargaggoota fi daa’imman har’aa deeggaruun egeree hawaasaa ijaaruu dha” jechuun dhaabbilee lamaan hojii gaarii isaanii akka itti fufan ergaa jajjabinaa dabarsaniiru.

ACFDO Excutive Director

Gachana Charity Association is dedicated to empowering communities in Dire Dawa through education, healthcare, skills training, women's empowerment, and children's welfare.

0 Comments

    No comments yet. Be the first to comment!

Leave a comment